Afaan Oromo Data Contribution

gheeroANYWHERE/REMOTE, ETHIOPIA
Today • Field: Data Science & Analytics
Employer: Private Company • Full-time

Scraped from: Afriworket

Gumaacha Ragaa Afaan Oromoo Ta'uun Hirmaadhaa! Iddoo Barbaaddetti, Yeroo Barbaaddetti Hojjadhu. Kaffaltii Kee Argadhu. Dhalootaan Afaan Oromoo ni dubbattaa? Yeroo boqonnaa kee tajaajila kuusaa ragaa teeknoolojii namtolchee (AI) pirojektii Leyu irratti gumaachuudhaan galii dabalataa argadhu. Mana keessas taʼe, yeroo boqonnaa laaqanaatti, hojii boodas taʼe, barumsa keetii booda, ykn yeroo fi haaluma siif mijatu hundatti hojiiwwan siif kennaman xumuruu ni dandeessa. Kaffaltii Hojii Ragaa qulqullinaan hojjetamee, gamaaggamame fudhatama argateef, guyyaa walakkaa keessatti hanga qarshii 1,400 (ETB) argachuu ni dandeessa. Ulaagaalee Hirmaannaaf Barbaachisan - Afaan Oromoo kan dhalootaan dubbatu (Native Speaker) ta'uu. - Umrii 18 fi isaa ol ta'uu. - Qubee Afaan Oromoo sirriitti dubbisuu fi barreessuu danda'u. - Bilbila ammayyaa Andirooyidii (Android Smartphone) tajaajila intarneetaa qabu fayyadamuu danda'u. - Qajeelfamoota hordofuun hojii qulqullina qabu hojjechuu danda'u. Maaliif Leyu Irratti Hirmaatta? - Bakka kamirraayyuu hojjechuun ni danda'ama: Bakka jirtuu fi haala sitti mijaayeen hojjatta. - Sagantaa mataa keetii filatta: Sa'aatii fi guyyaa hojii keetii ati dhuunfaan murteeffatta. - Dirqamni hin jiru: Sa'aatii hojii murtaa'e fi si dirqamsiisu hin jiru. - Kaffaltii Kallattii: Hojiin kee ogeeyyii qulqullinaatiin ragaasifamee yoo fudhatama argate, kaffaltiin kee kallattiin herrega baankii keetiirratti siif ergama. Har'uma Leyu irratti hirmaachuun, osoo galii dabalataa argattu egeree teeknoolojii namtolchee (AI)  waliin ha ijaarru! Akkaataa Itti Jalqaban Galmee xumuruun akkaawuntii keessan uumaa. Afaan fi looga (dialect) keessan filadhaa. Qormaata madaallii gabaabaa xumuraa. Hojiiwwan raawwachuun galii argachuu jalqabaa! Har'uma iyyannoo keessan galchuun, egeree teeknoolojii namtolchee (AI) ijaaruu keessatti gahee keessan gumaachaa galii argachuu jalqabaa!

Apply